info@editorsguild.org

+251 11 855 0154

Hojii ijoo Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa keessaa tokko nageenyummaa Gaazexeessitootaa tiksuudha. Aggaammiin yakkaa walabummaa Miidiyaa irratti qaaxxeffamu kamuu warra hooggananiinis ta’e qaama yakka kana raawwatu biratti akka dhaabbatuuf xiyyeeffannaa akka argatuuf ni hojjeta. Waldaan kun, Qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun aggaammii kana ni hordofa, Ibsas ni baasa, akka furmuufis Abukaatoo ni ta’a, waggaa waggaanis Gabaasa Nageenyummaa Gaazexeessitoota Itiyoophiyaa ilaalchisee Barruulee ni maxxansiisa. Keessumaa yakki Gaazexeessitoota Dubartootaa irratti raawwatu akka dhaabbatuuf cimsee ni falma.

[Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa yakkootaa fi aggaammiiwwan Gaazexessitootaa fi Manneen Miidiyaa Itiyoophiyaa irratti raawwatu kamuu karaa Marsariitii kanaa yeroo yeroon taatee raawwate ragaan qindeessee ni saaxila. Ragaawwan eeramanis sirrummaan isaanii mirkanaa’anii furmaata waaraa akka argataniif ni hojjeta.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa ragaalee aggaammii Qaamaa, Dijiitaalaa fi Xinsammuu Gaazexeessitoota irratti raawwatame hunda ni funaana. Gaazexeessaas ta’e Maatiisaa sababa hojiisaan walqabatee Ajjeessuu, butuu, reebuu, seeraan ala hidhuu fi to’achuu, Siyaasatti hirkatanii dararuu fi to’achuu, qoccolloo hin malle irratti raawwachuu fi Qabeenya Gaazexeessaa seeraan ala mancaasuu yookiin barbadeessuu hunda yakka Qaama irratti raawwate godhee fudhata. Qaamni kamuu yakka akkasii wayita argu battalatti haa gabaasu; keessumaa miseensonni waldaa kanaa immoo adda durummaan ga’eesaanii ba’achuu qabu.

Yakka Qaamarratti raawwateen alatti yakkoonni karaa seeraan alaa Xinsammuu Gaazexeessitoorratti raawwataman kanneen akka gowwoomsuu fi xiqqeessuu, karaa Miidiyaa Hawaasaa qoccoluu, maqa balleessii, haasaa jibbinsaa, arrabsuu, salphisuu, karaa seera qabeessa hin taaneen Marsariitiis ta’e toora Miidiyaa Hawaasaa cufuu, jalaa butuu, dhoksaan dookumentootaa fi ragaalee Gaazexeessaa hordofuu hundi yakka Miidiyaarratti raawwatame ta’eeti fudhatama.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa aggaammii Dubartootarratti raawwatamu kamuu ba’aa dacha godhee ilaala sababni isaas akka dubartummaa fi Gaazexeessummaatti waan isaan hubuufidha. Bakka Gaazexeessitoonni Dhiiraa harka caalu dhuunfatanitti aggaammii Dubartoota irratti qaaxeffamu ittisuun adda durummaan ga’ee Dhiirotaa ta’uu qaba Waldaan kunis yakka Dubartoota irratti raawwatu cimsee ni hordofa, ni mormas.

Taatee yakkaa Gaazexeessitoota yookiin Mana Miidiyaa irratti raawwate wayita argitan kana Cuqaasiiti Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaaf eeruu kennaa. Odeeffannoo sirrii fi bal’aa akka nu kennitaniif isin afeerra; Teessoo keessanis argachuun keenya Gareen Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa furmaata isaaf akka hojjetaniif ni gargaara. Wayita eeruu kennitan Suuraa, Viidiyoo, Liinkii fi
Ragaawwan dabalataa fe’uu hin dagatiinaa dhimmicha sirrummaasaa mirkaneeffachuuf nu utuba. Yakkoota Qaamaa, Dijiitaalaa fi Xinsammuu Gaazexeessaa fi Maatii isaarratti raawwate kamuu wayita argitan kana Cuqaasaati eeruusaa guutuun marsariitii WGItti galchaa.

    Taatee uumame gabaasuu feetaa?