info@editorsguild.org

+251 11 855 0154

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa (WGI) maali?

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa Onkoloolessa 29 bara 2019 Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaatti Ejensii Dhaabbilee Siivikii jalatti lakkoofsa galmee 4527n miseensummaa ogummaa bu’uureffachuun kan hundaa’edha. Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa dhaabbata miti-Mootimmaa, bu’aaf kan hin hundoofne, Loogiimaleessa ta’uun; Gulaaltota Dhaabbilee Miidiyaa Itiyoophiyaa Maxxansa, Biroodkastii fi Dijiitaalaarraa walitti dhufaniin Waldaa hundaa’edha.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa maaliif hundaa’e?

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa kan hundaa’e, Industirii Miidiyaa Itiyoophiyaa keessatti Gulaaltonni adda durummaan balaaf saaxilamoo ta’anis ijaaramaa fi gurmaa’insa sirrii waan hin qabneef akkasumas bakka bu’ummaan Gulaaltotaa daran barbaachisaa ta’uu waan hubateefidha.

Maddi Galii Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa (WGI) maali?

Maddi Galii Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa buusii miseensummaa idilee fi deeggarsa dhaabbilee deeggartootaa irraa argamu ta’a.

Eenyuti Miseensa Waldaa Gulaaltota Itiyoophiya a(WGI) ta’a?

Miseensummaan Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa karaa lamaan danda’ama: Miseensa Idilee fi Miseensa kabajaati bal’insaaf ‘Miseensummaa’ kan jedhu cuqaasi.

Gaaffilee biroo yoo qabaattan nu qunnamaa]

Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa(WGI) eenyuti hooggana?
Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa olaantummaan yaa’ii Waliigalaatu bulcha yaa’iin waliigalaa kunis miseensota waldichaa hunda kan hammatedha. Koreen Hojii Raawwachiiftuu Boordii waldichaa miseensota sagal qabu immoo olaantummaan raawwii hojii waldichaa ji’a ji’aan kan hordofu ta’a. Qaamoleen hooggansaa lameen Gulaaltota Itiyoophiyaa kan bakka bu’an yoo ta’u miseensonni Boordiis yaa’ii waliigalaan filamuun turtii waggaa lamaaf bilisaan kan tajaajilan ta’u. Hojiin guyya guyyaa waldichaa garuu hojjettoota qacaramanii fi Daariktera olaanaa waldichaan raawwatamu.

Recent Updates