info@editorsguild.org

+251 11 855 0154

Miseensonni Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa galma waloo bilisummaa Miidiyaa dhaadhessuu fi Gaazexeessummaa qulqullina qabu Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuu kan kudhaammatan ta’u. Miseensa Waldaa kanaa ta’uun carraa dagaagina ogummaa fi barnootaa nama gonfachiisa, leecalloon deeggaramuun hojii Gaazexeessummaa fi Miidiyaa keessatti milk’aa nama taassisa.
Waldaan kun karaa idilaa’een Miseensota ni utuba, ni qajeelcha akkasumas leecalloon deeggaree Gulaaltota Itiyoophiyaa keessatti Miidiyaa mijataa fi Gaazexeessitoota qaxalee ta’an horachuu waan onnateef ergama kanatti akka makamtan ni jajjabeessa.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa gosoota Miseensummaa lama qaba: Miseensa Idilee fi Miseensa Kabajaati.

Dhaabbilee Miidiyaa Itiyoophiyaa keessa jiran keessatti yoo sadarkaalee Gulaalummaa kanneen akka Gulaalaa Muummee, Gargaaraa Gulaalaa Muummee, Gulaalaa Eeruu fi Bobbii Qabiyyee, Qopheessaa fi Gargaaraa Qopheessaa taate miseensa Idilee Waldaa kanaa ta’uun ni danda’ama. Kanamalees, yoo kanaan dura Miidiyaa keessatti sadarkaalee olitti eeraman kanaan hojjechaa turtee yeroo ammaa soorama baatees haa ta’u hojii miidiyaan ala ta’e keessatti bobbaateetta ta’e Miseensa Kabajaa ta’uun galmaa’uun ni danda’ma.

Gaaffileen Miseensummaa dhiyaatan Yaa’ii Waliigalaa Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa waggaa waggaan taa’amutti dhiyaachuun mirkanaa’a. Yoo miseensummaankee yaa’ii kanaan mirkanaa’e bu’uura waliigaltee waldichaan buusii miseensummaa kanfaluun miseensa dhaabbii ni taata.

Guca Miseensummaa Waldaa Gulaatota Itiyoophiyaa kana guutiiti galchi