info@editorsguild.org

+251 11 855 0154

Baga gara Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa nagaan dhuftan

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa waldaa miseensummaa Ogummaa bu’uureffachuun hundaa’edha. Waldaan kunis Gulaatota Itiyoophiyaa Miidiyaa Maxxansaa, Biroodkastii fi Dijiitaalaa keessa hojjetan kan hammatudha. Ergamni waldaa kanaas, Miidiyaa walabaa fi of danda’aa ta’e Itiyoophiyaa keessatti uumuudha. Kanamalees, nageenya Gaazexeessaa eeguu, Abukaatoo Miidiyaa ta’uu, dandeettii miseensotaa fi Mana Miidiyaa cimsuu fi hariiroo Miidiyaalee finiinsuudha.

Miseensummaa
Nageenyummaa Gaazexeessitootaa
WGI Deeggaraa
Tumsi

Miseensonni Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa galma waloo bilisummaa Miidiyaa dhaadhessuu fi Gaazexeessummaa qulqullina qabu Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuu kan kudhaammatan ta’u. Miseensa Waldaa kanaa ta’uun carraa dagaagina ogummaa fi barnootaa nama gonfachiisa, leecalloon deeggaramuun hojii Gaazexeessummaa fi Miidiyaa keessatti milk’aa nama taassisa.
Waldaan kun karaa idilaa’een Miseensota ni utuba, ni qajeelcha akkasumas leecalloon deeggaree Gulaaltota Itiyoophiyaa keessatti Miidiyaa mijataa fi Gaazexeessitoota qaxalee ta’an horachuu waan onnateef ergama kanatti akka makamtan ni jajjabeessa.

Hojii ijoo Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa keessaa tokko nageenyummaa Gaazexeessitootaa tiksuudha. Aggaammiin yakkaa walabummaa Miidiyaa irratti qaaxxeffamu kamuu warra hooggananiinis ta’e qaama yakka kana raawwatu biratti akka dhaabbatuuf xiyyeeffannaa akka argatuuf ni hojjeta. Waldaan kun, Qaamolee deeggartootaa waliin ta’uun aggaammii kana ni hordofa, Ibsas ni baasa, akka furmuufis Abukaatoo ni ta’a, waggaa waggaanis Gabaasa Nageenyummaa Gaazexeessitoota Itiyoophiyaa ilaalchisee Barruulee ni maxxansiisa. Keessumaa yakki Gaazexeessitoota Dubartootaa irratti raawwatu akka dhaabbatuuf cimsee ni falma.
Taatee yakkaa Gaazexeessitoota yookiin Mana Miidiyaa irratti raawwate wayita argitan kana Cuqaasiiti Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaaf eeruu kennaa. Odeeffannoo sirrii fi bal’aa akka nu kennitaniif isin afeerra; Teessoo keessanis argachuun keenya Gareen Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa furmaata isaaf akka hojjetaniif ni gargaara. Wayita eeruu kennitan Suuraa, Viidiyoo, Liinkii fi Ragaawwan dabalataa fe’uu hin dagatiinaa dhimmicha sirrummaasaa mirkaneeffachuuf nu utuba. Yakkoota Qaamaa, Dijiitaalaa fi Xinsammuu Gaazexeessaa fi Maatii isaarratti raawwate kamuu wayita argitan kana Cuqaasaati eeruusaa guutuun marsariitii WGItti galchaa.

Waldaa Gulaaltota Itiyoopiyaa deeggaruun bilisummaa
Miidiyaa finiinsuu fi utubuudha. Kanamalees, Gaazexeessummaan sirrii fi dhugaan Itiyoophiyaa keessatti lafa akka qabatu gochuu ta’ee fudhatama kanaanis akka biyyaalessaatti dirreen
Miidiyaa walabaa ni dhugooma

‐‐

Akeekkachiisa Qaamaa fi Xiin-sammuu Gabaafame

Dorsiisa Dubartoota Gaazexeessitoota Irratti

‐‐

Dorsiisa Dubartoota Gaazexeessitoota Irratti

Gaazexeessitoota Hidhamanii fi Himataman

‐‐

Gaazexeessitoota Hidhamanii fi Himataman