info@editorsguild.org

+251 11 855 0154

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa waldaa miseensummaa Ogummaa bu’uureffachuun hundaa’edha. Waldaan kunis Gulaatota Itiyoophiyaa Miidiyaa Maxxansaa, Biroodkastii fi Dijiitaalaa keessa hojjetan kan hammatudha. Ergamni waldaa kanaas, Miidiyaa walabaa fi of danda’aa ta’e Itiyoophiyaa keessatti uumuudha. Kanamalees, nageenya Gaazexeessaa eeguu, Abukaatoo Miidiyaa ta’uu, dandeettii miseensotaa fi Mana Miidiyaa cimsuu fi hariiroo
Miidiyaalee finiinsuudha.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa, miseensonnisaa dandeettii fi beekumsaan akka of fooyyessaniif leenjii fi deeggarsa leecalloo adda addaa ni kenna kanaanis hariiroon Gulaatota Itiyoophiyaa fi Addunyaa akka cimu ni ta’a. Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa(WGI) Gulaaltota Itiyoophiyaa keessatti sirna Miidiyaa dimookiraasii sirrii diriirsan horachuun; walabummaan Miidiyaa akka eegamu gochuu keessatti shoora isaanii taphatan uummachuu waan fedhuuf
kanarratti waloon cimsee hojjechuu barbaada.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa Onkoloolessa 29 bara 2019 Mootummaa Rippaabilika Dimokiraatawaa Federaalawaa Itiyoophiyaatti Ejensii Dhaabbilee Siivikii jalatti lakkoofsa galmee 4527n hundaa’e.

Miseensummaa

Miseensonni Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa galma waloo bilisummaa Miidiyaa dhaadhessuu fi Gaazexeessummaa qulqullina qabu Itiyoophiyaa keessatti hojiirra oolchuu kan kudhaammatan
ta’u. Miseensa Waldaa kanaa ta’uun carraa dagaagina ogummaa fi barnootaa nama gonfachiisa, leecalloon deeggaramuun hojii Gaazexeessummaa fi Miidiyaa keessatti milk’aa nama taassisa.
Waldaan kun karaa idilaa’een Miseensota ni utuba, ni qajeelcha akkasumas leecalloon deeggaree Gulaaltota Itiyoophiyaa keessatti Miidiyaa mijataa fi Gaazexeessitoota qaxalee ta’an horachuu
waan onnateef ergama kanatti akka makamtan ni jajjabeessa.

Waldaan Gulaaltota Itiyoophiyaa gosoota Miseensummaa lama qaba:
Miseensa Idilee fi Miseensa Kabajaati.

Dhaabbilee Miidiyaa Itiyoophiyaa keessa jiran keessatti yoo sadarkaalee Gulaalummaa kanneen akka Gulaalaa Muummee, Gargaaraa Gulaalaa Muummee, Gulaalaa Eeruu fi Bobbii Qabiyyee, Qopheessaa fi Gargaaraa Qopheessaa taate miseensa Idilee Waldaa kanaa ta’uun ni danda’ama. Kanamalees, yoo kanaan dura Miidiyaa keessatti sadarkaalee olitti eeraman kanaan hojjechaa turtee yeroo ammaa soorama baatees haa ta’u hojii miidiyaan ala ta’e keessatti bobbaateetta ta’e Miseensa Kabajaa ta’uun galmaa’uun ni danda’ma.

Gaaffileen Miseensummaa dhiyaatan Yaa’ii Waliigalaa Waldaa Gulaaltota Itiyoophiyaa waggaa waggaan taa’amutti dhiyaachuun mirkanaa’a. Yoo miseensummaankee yaa’ii kanaan mirkanaa’e bu’uura waliigaltee waldichaan buusii miseensummaa kanfaluun miseensa dhaabbii ni taata.

Guca Miseensummaa Waldaa Gulaatota Itiyoophiyaa kana guutiiti galchi.